Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Ibsa Ejjannoo Kutaa Kaanaadaa
Amajjin tokko guyyaan WBO fii bara harawni  bifa seena qabeessa ta'een QBO kan ABO'n  gaggeefamu  keessatti bakka guddaa kan qabuu fi bara baraan  Oromiyaa fi Oromoota biyya ambaa  keeysa faca'anii jiraataniin guyyaan kun ayyaaneefatamaa akka as gahe hundii keenya waan beeynudha.Ayyaan Guyyaa WBO Kana kan adda isa godhuu guyyaa waraanni bilisummaa Oromoo fii nuti qabsaawonni Oromoo bifa seenaa qabun  mirgaa fi Oromummaa keenya gonfachiisuudhaaf bifa harawaan QBO itti fufuu fii falama abbaa biyyummaa Oromoof jabaannee  qabsaa'uuf guyyaa  waadaa keenyaa  itti haaromsinu ta'udha.
 
Amajii tokko guyyaa ayyaana WBO Miseensoonni ABO, Miseensoonni Caayaa ABO fi Deeggartoonni Ilmaan Oromoo  Kutaan Kaanaadaa( Canada)  bifa qindaawaa  yeroo biraatin adda taheen  ayyana kana kabajjatan.  Kutaan keenya qophii ayyaana WBO kanaas  karaa qunamtti amayyaa  (paltalk) tti dhiimma bahudhaan Ummata oromoo adunyaa mara keessa jiruu fi WBO illee bakka jirutti  akka dhagahan taasifamee jira.

Guyyaa WBO ilaalchiisee D/T Kutaa  J/Yeddii Abdushkur ayyaana WBO maaliif akka kabajanuu fii seenaa ayyana kanaa ilaalchiisee ibsa bal'aa eega kennan booda, konyaaleen keenya kan Kutaa Kaanadaa walduraa dubaan bifa oowwaa taheen baharraa dhihattii hamma segantaan keenyee xummuuramutti itti fufee. Ayyaana WBO akka midhaguu kan taasiisan walistoota Oromoo babeekamoon qooda guddaa irraa fudhachaa turan.

Hogana ol'aanaa irraa miseens SH. GS ABO J/Tamaam Yusuuf itti gaffatamaan dame Beeysiisaa fii Aadaa kan tahan haala ayyana WBO ilaalchiisee ibsa bal'aa fii gahaa tahe miseensota ABO fii Ummata Oromoof keenanni jiru. Miseensonni ABO fii Ummanii Oromoo Ibsa J/Tamaam keenee irraa hedduu gammaduu iraan kan ka'ee gammachuu isaani bifa adda taheen calaqiisaa turan.
 
Nutti miseensooni ABO fii deegartoni ABO kan kutaa Kaanaadaa keessa jiraanuu Amajjii,01,2009 Guyyaa Ayyaana WBO kabajanne Ayyaana kana irratti murtii armaan gadii kana dabarfanee jira.

 
1. Nutti miseensooni ABO fii deegartooni ABO QBO kan dhaabaa ABOn gageeffamuu ciinaa dhaabanee kan dur caalaa dirqama keenyee bahuuf qoophii tahuu keenya sagalee tokkoon mirkaneesina. 

2.  WBO waan barbaachiisaa taheen ciinaa dhaabatuuf kan durii caalaa qooda fudhannaa  keenya olkaasnee hojjachuuf murteefenne.

3. Nutti miseensooni ABO naamusa fii kabajaa dhaabaa fii hogannoota keenyaaf qabnu hujiin agarsiisuuf murteeffanne.

4. Dirqama qaama olii irra nutti gad dabru hunda  bakkaan gahuuf  kan dur caalaa hojjannee argamuuf murteeffanne.

5. Dhimma diinaggee project million tokko argamsiisuuf dhaabni keenya lafa kaaye  yeroo ja'ame keeysatti xumuruuf murteeffanne.

 


GGB!

IUOf!  

Koree Kutaa Kaanaadaa




Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net